SMALL MICRO-ENTERPRISE

Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa

Bitootessa 25, 2014
Waldaaleen Intarpiraayizootaa 740 gara guddattuu giddugaleessaatti Ce’an.
Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa marsaa 12ffaatiif akka naannoo Oromiyaatti dhaadannoo “Ce’uumsi Intarpiraayizootaa Badhaadhina Waloof”, jedhuun Intarpiraayizoota 740 gara guddattuu giddu galeessaatti ceesisuuf magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti sirna badhaasaafi beekamtii gaggeessaa jira.
Sagantaa kanarratti Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggansi ol’aanoon Naannoo Oromiyaafi Federaalaa argamanii jiru.
Haasawaa Anaadhufuu kan taasisan Hogganaan Biiroo CHUO Oromiyaa obbo Ahimad Idiriis, ergamni sektara carraa hojii uumuufi ogummaa hawaasa ogummaa gonfatee biizinasii keessatti dorgomaa ta’e uumuu, carraa hojii bal’inaan uumuun hojiidhabdummaa xiqqeessuufi bu’uura industirii kaa’uu ta’uu ibsuun, bara kana hawaasa bitatu utuu hintaanee hawaasa oomishu horachuuf lafa qonnaa hektaara 38 ol irratti hojiidhabeeyyii gurmeessuun dabarfamee kan jiru ta’uu ibsaniiru.
 
Rakkoo faayinaansiifi iddoo oomishaaf gurgurtaa waldaaleen intarpiraayizootaa keenya qaban furuuf liqiin qarshii biiliyoona 2 ol fi sheediin 400 ol dabarfamee kennameera kan jedhan obbo Ahimad fayyadamummaa intarpiraayizoota guyyaa har’aa ce’an kanaas daran dabaluuf biirichi itti fufiinsaan deeggarsa teekinooloojii, leenjii qaawwa ogummaa guutuufi liqiin maallaqaa taasisuuf hoggayyuu isaan cina kan jiru ta’uu eeraniiru.
Kallattii garafuulduraa kan kennan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, hojiin carraa hojii uumuufi ogummaa hanga ammaatti raawwatame abdachiisaa ta’us baay’ina ummataafi qooteenshaala naannoon keenya qabdu waliin hojii bal’aan kan hafu waanta’eef, jiruuf jireenya ummataa jijjiiruuf sosochii diinagdee bal’aa gaggeessuun murteessaa ta’uu dhaamaniiru. Intarpiraayizootni ce’an kunneen dameewwan irratti bobba’anirratti qabeenya dabalataa horachuuf jabaatanii halkaniif guyyaa hojjechuu, aadaa qusannoofi liqii cimsachuufi carraa hojii bal’aa uumuuf kutannoon hojjechuu akka qaban kallattii kaa’aniiru.

Sagantaa kanaan intarpiraayizoota bara 2014 gara guddattuu giddugaleessaatti ce’an keessaa dameewwan manufaakchariingii, ijaarsa, qonnaafi albuudaa irratti kaappitaala miiliyoona 1.5 galmeessisan akkasumas dameewwan hojii tajaajilaafi daldala irratti miiliyoona kuma 500 ol galmeessisan keessaan kanneen adda-duree (top-5) badhaasa geebaafi waraqaa ragaa yoo argatan; Wiirtuulee Kenna Tajaajila Iddoo Tokkoo keessaa raawwii ol’aanaa galmeessuun WKTIT’n 6 tokkoon tokkoon isaanii taableetii badhaafamaniiru. Akkasumas, Intarpiraayizoota moodeela ta’aniifi qaamolee milkaa’ina sagantaa ceesisuu kanaaf gumaacha taasisaniif beekamtiin kennameera.

Adama Polytechnic College Starting From Its Foundation Opened An Opportunity for Many Small Micro Enterprise

Small Micro Enterprise Under Adama Polytechnic College
0 +

Place: Adama 10 Kebele

Place: Adama 1 Kebele

Place: Adama 10 Kebele

Place: Adama 04 Kebele

Place: Adama 04 Kebele

Place: Adama 10 Kebele

Place: Adama 10 Kebele

Place: Adama 11 Kebele

Place: Adama 07 Kebele

Place: Adama 04 Kebele

Place: Adama 10 Kebele

Place: Adama 04 Kebele

  • Saglan Borana Garment
  • Eebbaa Press  
  • Mooneerraa PLC
  • Addeessa Barii Foam Production
  • Waan Ofii Coffee and Chat Distribution
  • Hawwii Wood Products
  • Booranaa Soup Production
  • Beekkumaa Food Trade
  • Qeerroo Oromoo Local Coble Stone Production
  • TEDA Wood Products
  • Nimoonaa Fruit Distribution
  • Waliin Guddanna Construction Material Supply
  • Unity Material Supply
  • Seenaa Sabaa Fruit Distribution
  • Biiftuu Metal Works
  • DL Furniture Production
  • Sadeen Sooddoo Bread Production
  • Damma Tolchaa Raw Material For Food Supply
And Many More